ONM-ABO Ebla 3, 2024
Dhumaatiin tibba kana hidhattoota sirnichaan godinaalee Gujii lameen keessatti geggeeffamu jabaatee itti fufuun lubbuun namootaa fi beelladaa yoo darbu, manneen qonnaan bultoota hedduus gubachuun barbadaa’eera.
Bitootessa 29, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Balaambal keessatti waraanni PP uummata nagaa 2 rasaasaan rukutuun ajjeesaniiru.
Akkasumas Bitootessa 30, 2024 aanichuma ganda Bokkola keessattis waraanni PP moortara callisee dhukaasuun namoota nagaa maqaan nu hin geenye haadha 1 fi shamarree 1 ajjeesan.
Guyyuma kana ganda Adaadii keessattis moortara dhukaasuun loon nama maqaan isaa Nageessaa Mokkonnaa jedhamu 8 fixanii jiru.
Bitootessa 31, 2024 ammoo godinichuma aanaa Waadaraa ganda Xereekoo jedhamutti uummata nagaatti moortara dhukaasuun loon nama ammaaf maqaa nu hin dhaqabin 3 bakka tokkotti ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Torban darbe Kibba Oromiyaa godina Gujii lamaan keessatti lubbuun namoota 17 olii waraana faashistii PP’n darbuu fi qabeenyi manca’uu gabaasnee turre.


