ONM-ABO Ebla 3, 2024
Leellistoonni sirna moofaa durii Oromiyaa keessa jiraatan maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa hidhachiifamanii uummaticha keessa jiraatan madda dhumaatii uummata Oromoo isa olaanaa ta’uun har’a Oromoon dachee isaa irratti lubbuu dhabaa jira.
Oromiyaa keessatti yeroo irraa gara yerootti eegdonni bulchiinsa abbaa irree bilxiginnaa leellistoota sirna moofaa kana waliin ta’uun uummata Oromoo saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi doorsisuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Yuubdoo Laga Baatuu jedhamtu keessatti namoonni sabaan Amaaraa ta’an leenjii milishummaa fudhatanii gara gandichaatti deebi’an uummata nagaan isin WBO nyaachistu jechuun kanaan booda qe’ee keessan gubnee barbadeessinaan hawaasa doorsisaa fi itti dhaadachaa turuu himan.
Gandichuma keessatti daa’ima hawaasa gidduutti jaallatamummaa guddaa qabu kan maqaan isaa Gulummaa Dirribaa jedhamu bilbila keerraa sirba warraaqsaa qabda jechuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen onichaa gabaasaniiru.


