ONM-ABO Ebla 3, 2024
Torbanoota muraasa dura hidhamtoonni badii tokko malee godina Buunnoo Beddelee aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhamanii turan yeroo ammaa bakka isaan bu’an dhabuu maatiin hidhamtootaa dubbatu.
Yeroodhaa yerootti aanaa Cawwaaqaa keessaa namoonni hedduun waraana faashistii PP’n baafamanii ajjeefamaa jiraachuu jiraattonni kan himan yoo ta’u, yeroo ammaa kanas maqaa hidhata WBO waliin qabdu jedhuun sheek Muktaar Mohaammed nama jedhamuu fi dargaggoo Yaqiin Sharafuu jedhamu qabanii hidhuun, maatiin irra deddeebiin deemanii gaafatanis furmaata argachaa akka hin jirre barameera.
Mootummaan impaayera Itoophiyaa “dirree siyaasaa bal’isuu fi marii biyyaalessaa gochuuf haal-duree mijeessaa jirra jedhee miidiyaan hololaa jiraatus, hanga ammaatti hidhamtoota siyaasaa gameeyyii fi ija uummata Oromoo ta’an manneen hidhaa keessatti galchee gariin ajjeesuun kaan ammoo dhabamsiisuu itti fufee jiraachuun isaa kun abbaa irrummaa isaa akka agarsiisus jiraattonni himaniiru.
