• Thu. Jan 8th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Sabbataa Hawaas keessatti dargaggoota lama irratti ajjeechaan yoo rawwatamu hidhaa fi doorsisnis jabaate

Apr 5, 2024

ONM-ABO Ebla 5, 2024

Ajjeechaan seer-malee uummata Oromoo irratti yeroo ammaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru kan uummaticha lafa irraa duguuguuf karoorfatamee itti jiramu ta’uu hawaasni Oromoo bakkoota adda irraa himachaa jira.

Koreen ajjeechaa qondaaltota olaanoo impaayerattiitiin hundeeffame duguugiinsa sanyii namoota nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufuun guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 3, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sabbataa Hawaas ganda Dabal Yoohannis jedhamu keessatti ganama irraa sa’a 12:00’tti manatti ol seenanii dargaggoota lama ajjeesuun tokko qabanii deemuu jiraattotni ONM’tti himan.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneen Taadduu Hamdee fi Gammachuu kan jedhaman yoo ta’an dargaggoo Jiruu Caalaa ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun qabanii akka deemanis himan.

Aanichuma magaalaa Kallachaa ganda 01 keessaa nama Abbabaachoo Abarraa jedhamu mana isaa keessaa erga maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhanii ar’ianiin booda mana isaa mooraa godhachuun keessatti galanii jiraachuu ibsan.

Sababa kanaanis maatiin Abbabaachoo bakkee keessatti faca’anii jiruu gadadoo jiraachaa akka jiranis Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading