ONM-ABO Ebla 5, 2024
Somaaliyaan waldhabdee waliigaltee buufata doonii naannoo Somaalilaandi keessatti uumameen walqabatee uumameen ambaasaaddara Itoophiyaa biyyattii keessaa ari’uu ishee beeksiste.
Ambaasaaddarri Itoophiyaa Muktaar Mohaammad mariidhaaf gara biyyaatti ergamuu waajjirri muummicha ministeeraa Somaaliyaa Kamisa kaleessaa beeksise.
Somaaliyaan qoonsila Itoophiyaa magaalaa guddittii fi handhuura Somaliland Hargisaa fi magaalaa guddoo naannoo walakkaa ofiin of bulchuu Puut laand Garowe keessatti argamu cufte.
Waajjirri muummicha ministeeraa Somaaliyaa ibsa kenneen, “Mootummaan bilxiginnaa Itoophiyaa dhimma keessoo Somaaliyaa keessa seenuun isaa ifatti walabummaa fi abbaa biyyummaa Somaaliyaa sarbuu dha” jedheera.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Omar ibsa gabaabaa kennaniin, Muktaar Mohaammad biyyaa akka ba’uuf sa’atiin 72 kennameef jedhan.
“Soomaaliyaan abbaa biyyummaa ishee irratti cimtee dhaabbattee jirti” jechuun barreesse.
“Naannoo keenya eeguuf murtoon nuti qabnu jabaadha.” jedhan.
Waldhabdeen kun kan uumame Itoophiyaan Amajjii 1 waliigaltee qarqara galaanaa kiiloo meetira 20 (maayilii 12) Somaaleelaandi irraa kireeffachuuf erga walii galteen booda.
Waliigaltee kanaan lafti qarqara galaanaa naannoo buufata doonii Berberaa, Galoo Galaana Aden irratti argamu, Itoophiyaan waggoota 50’f dhimma waraanaa fi daldalaaf itti fayyadamti erga jedhamee booda.
Itoophiyaan buufata humna galaanaa achitti dhaabuu akka barbaaddu ibsuun, jijjiirraa kanaan Somaalilaandiif beekamtii kennuu akka dandeessu kan dhiheessite yoo ta’u, kunis Somaaliyaa irraa mormii fi dheekkamsa uumeera.
Somaaliyaan walii galteen kun saamicha lafaa akka ta’e kan himtu yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo walii galteen kun kan daldalaa fi fedhii dinagdee isheetiif murteessaa ta’uu dubbatti.
Somaaliyaanis waliigaltee kanarra ga’uuf mootummaan Itoophiyaa Moqaadishoo bira darbe jechuun dubbachuu ishee Aljaziiraan gabaaseera.


