ONM-ABO Ebla 8, 2024
Dargaggoonni Oromoo kutaalee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti socho’anii jiruu idilee isaanii geggeeffachuun jiraatan, murna bilxiginnaan iddoo hedduutti qabamanii mana hidhaa dhoksaatti erga hidhamanii booda achiirraa ammoo baafamanii adda waraanaatti fe’amuun lola isaan hin ilaallannetti hirmaachifamanii du’aaf saaxilamaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 6, 2024 magaalaa Buraayyuu bakka addaa Dirree jedhamuun beekamu keessaa mana puulii fi bunaa jalaa dargaggoota walitti qabuun guuranii hidhaa akka turan himan.
Akka maddeen kun jedhanitti dargaggoonni qabamanii hidhamanii jiran kunneen hojii humnaa dabalatee dalagaa garaa garaa irratti bobba’anii kanneen jiraataniidha jechuun guyyaa Dilbataa kanas guyyaa boqonnaa waan ta’eef osoo isaan bashannanaa jiranii akka qabamanis ibsan.
Dabalataan dargaggoonni kunneen bakki dhaloota isaanii godinaalee Oromiyaa iddoo adda addaa yoo ta’u, murni bilxiginnaas teessuma aangoo isaaf jecha dirqamaan qabee adda waraanaatti erguuf akka jirus ONM’tti himaniiru.



