ONM-ABO Ebla 8, 2024
Pireezidaantiin Ruwaandaa Puul Kaagaameen biyyattiin ”guddina kasaaraa keenyaatiin gad of deebifteetti” jedhan.
Pirezidaantiin Ruwaandaa hawaasni addunyaa ”hunduma keenya kuffiseera sababiin isaas duguuggaan sanyii ganna 30 guute jiru bara 1994 raawwate namoota gara 800,000 galaafateefii jedhan.
Perezidaantiin Puul Kaagaameen namoota kabajamoo fi hoggantoota addunyaa dhiiga dhangala’uu kana yaadachuuf magaalaa guddoo Ruwaandaa Kiigaaliitti walitti qabamaniif haasawa taasisaniiru.
Ruwaandaan guddina kasaaraa keenyaatiin guutummaatti gad of deebifte, barumsi nuti barannes dhiigaan bocamee jira jedhan.
Dilbata kaleessaa Mr Kaagaamee fi gareen namoota kabajamoo awwaala jumlaa yaadannoo duguuggaa sanyii Kiigaalii irratti faaya kaa’uun, bakka namoonni 250,000 ol ta’an itti awwaalamanitti Pirezidaantichi dungoo yaadannoos qabsiisaniiru.
Mt. Kaagaameen haasawa taasisaniin, Ugaandaa fi Taanzaaniyaan biyyoota Afrikaa waliin ta’un duguuggaa sanyii kana akka dhaabbatuuf gargaarsa taasisaniif galateeffataniiru.
”Biyyoonni bakka bu’ummaan asitti argaman hedduun isaaniis ilmaan isaanii fi ijoollee durbaa isaanii Ruwaandaa keessatti nagaa eegduu ta’uun akka tajaajilaniif erganiiru,” jedhan.
“Loltoonni sun Ruwaandaa hin kuffifne. Hundaa keenya kan kuffise hawaasa addunyaati. Tuffii irraas ta’e abshaalummaa irraas ta’e,jedhan.
Ameerikaa fi Faransaay yeroo Sana warra callisanii daawwachaa turanidha jechuun perezidaantiin Ruwaandaan komataniiru.
Saboonni gidduu seenuu dhabuu isaanii salphina yeroo dheeraaf ture ta’ee jira jedhan.
Taateewwan Dilbataa kun guutummaa Ruwaandaatti yeroon gaddaa torban tokkoof turuu fi Muuziqaan, ispoortii, fiilmoonni, raadiyoo fi TVn akka hin haasa’in dhorkamuun, alaabaa biyyaalessaa walakkaattii gad butanii hidhanii akka balali’u godhaniiru jechuun BBCn gabaasera.







