ONM-ABO Ebla 8, 2024
Mana amantaa Orotodoksii impaayera Itoophiyaa keessatti raafamni sababa hundeeffamuu Sinoodosii Oromiyaatiin uumamuun ifatti teessoo Pheexiroos hundeeffamee kaasee hanga har’aatti rakkoon jabaatee jiraachuutu himama.
Hawaasni Oromoo Sinoodosii mataa isaa hundeeffachuuf mirga seeraa osoo qabuu leellistoonni sirna Minilik afaan keessanii fi eenyummaa keessaniin jiraachuu hin qabdan jechuu irraa kan ka’e abbootii afaan Oromoon saba isaanii barsiisan ugguruun yeroodhaa yerootti hidhaatti darbaa kan turan tiksitootni barcuma Minilik, yeroo ammaas gocha kana jabeessanii jiru.
Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dollootti Ebla 5, 2024 walitti bu’iinsa Sinoodosii impaayeerattii fi kan Oromiyaa jedhuun magaalattiitti hawaasaa fi geggeessitoota magaalaa Finfinnee irraa dhufan gidduutti dhalateen waraanni faashistii PP namoota 10 ol qabuun hidhaatti darbanii jiraachuun beekameera.
Hawaasni Oromoo mirga afaan isaan barachuu fi waaqeffachuu bara hedduuf gaafatus, Sinoodosii fi mana Lubummaa waliigalaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo impaayera Itoophiyaa biraa deebiin dhibuu irraan kan ka’e rakkoon hanga har’aatti uumamaa akka jirus jiraattonni magaalaa Dambii Doolloo ONM’tti himaniiru.





