ONM-ABO Ebla 10, 2024
Oromiyaa keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuu maqaa jedhuun murni bilxiginnaa namoota kumootaan lakkaa’aman hidhuun baatii keessatti ammoo namoota dhibbootaan lakkaa’aman ajjeesaa jira.
Maqaa sakatta’insa Waraana Bilisummaa Oromoon kan wal walqabateen bakka adda addaatti waraanni maafi’aa PP sochii taasisuun namoota jumlaan hidhuurratti kan argamu yoo ta’u, yeroo ammaa kanas godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Dagam keessatti hidhamtoonni siyaasaa hidhamanii jiran 750 ol darbanii akka jiranis dabaluun dubbatu.
Namoonni sadiis kan ammaaf maqaan nu hin ga’in jiru torban kana keessa bakka mana dhugaatiitii waraana faashistii PP’n qabamuun bakka Bubbisaa jedhamutti akka ajjeefaman maddeen himan.
Torbee kana qofaa keessa ganda Shanoofii kan jedhamu irraas namoonni baay’inni isaanii 34 ta’an hidhamaniiru.
Maqaan namoota muraasa nu ga’ees, Zinaamaa Mangistuu maatisaa faana namoota shan, Geetuu Baqqalaa obboloota isaa faana namoota 7, Xallafaa Qurquraa haadha warraa isaa waliin, Adaamaa ijoollee isaa 2 waliin, Shaaloo obboleettii isaa waliin, maanguddoo Daggaafaa Tulluu, Taayyee Ada’aa kanneen jedhaman dabalatee akka ta’es ifoomsaniiru.




