• Sat. Mar 14th, 2026

Walitti bu’iinsi amantoota Ortodoksii Tawaayidoo Sinoodoosii Oromiyaa fi geggeessitoota sinoodoosii impaayerrattii gidduutti uumamee jiruun dhiibbaa guddaan amantoota irratti uumamee jiraachuu jiraattonni magaalaa Dambii Doolloo ONM’tti himan

Apr 10, 2024

ONM-ABO Ebla 10, 2024

Geggeessaa fi itti gaafatamaa Sinoodoosii Oromiyaa kutaa lallabbaa godina Qellem Wallaggaa ta’uun teessoo Pheexiroos Oromiyaa hundeeffameen kan filaman Abbaan Iyyaasuu maqaa seera qabeessummaa hin guunne jechuun Sinoodoosiin impaayerra Itoophiyaa erga dhorkee kaasee magaalaa Dambii Doolloo keessatti rakkoon amantoota gidduutti uumame jiraachuutu himama.

Abbaa Rufaa’eel kan jedhaman geggeessaan Sinoodoosii impaayera Itoophiyaa bakka bu’uun Jimaata darbe gara magaalaa Dambii Doolloo erga dhufanii kaasee waraanni faashistii PP meeshaalee gurguddaa Zu 23 dabalatee manneen amantaa adda addaatti bobba’uun amantoota cafaqaa akka jiranis jiraattonni himan.

Ebla 9, 2024 aanaa Sayyoo bulchiinsa magaalaa Dullii jedhamutti Abbaan Rufaa’eel waraana faashistii PP’n marfamee kan deeman yoo ta’u, hawaasni bulchiinsa magaalichaas mormii isarraa qabu yeroo mul’isutti waraanni amantoota reebuun miidhaa qaamaa guddaa irraan ga’uus dabaluun ibsaniiru.

Namoota afaan keenyaan tajaajilamuu fi aadaa keenyaan jiraachuu heerri impaayera Itoophiyaa nuuf heyyama jedhan irratti hidhaan karaa murna faashistii PP’n darbuun namoonni 13 bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo irraa yeroo ammaa barbaadamaa jiraachuus dabaluun dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading