• Tue. Jan 13th, 2026

Raashiyaan Iraanii fi Israa’el gocha isaanii irraa akka of qusatan gaafatte

Apr 13, 2024

ONM- ABO Ebla 12, 2024

Raashiyaan Kamisa kaleessaa haleellaa Israa’el jalqaba baatii kanaa ergamaa dippilomaasii Iraan Siiriyaa keessatti raawwatte hordofuun Israa’elii fi Iraan akka of qusatan gaafatteetti.

Dubbi himaan Raashiyaa Peskov ibsa gaazexeessitootaaf Moskootti kennaniin, “Amma haalli naannichaa guutummaatti akka hin tasgabboofne kan godhan hunduu of qusachuun baay’ee barbaachisaadhaa” jedhan.

Dubbi himaan kun, Raashiyaan haleellaa Israa’el ergamaa dippilomaasii Iraan Damaasqoo, Siiriyaa keessatti raawwatame irratti namoonni 13 du’an, “baay’ee cimsitee” akka balaaleffatte yaadachiisaniiru.

“Kun qajeeltoowwan seera idil-addunyaa hunda cabsuudha,” jechuun cimsanii kan dubbatan Peskov, Iraanis ta’e Israa’el waldhabdee salphisuuf gargaarsa Moskoo akka hin gaafanne ibsaniiru.

Dubbi himaan kun gara yaada Siwiizarlaand Yukireen irratti konfiraansii nagaa gaggeessuuf qabduutti yoo deebi’an, mariin waa’ee Yukireen irratti taasifamu kamiyyuu hirmaannaa Raashiyaan malee “hiika hin qabu” jedhan.

Mariin Raashiyaa fi Yukireen Istaanbul keessatti erga taa’amee waggaa lama akka darbe yaadachiisuun, “Waggaa lama keessatti haalli jijjiirameera akka Bitootessa 2022 mitii jedhan.

Peskov akkasumas prezidaantiin Yukireen Zeleniiskii gaaffii fi deebii garee miidiyaa mootummaa Jarmanii Axel Springer waliin taasisaniin riqicha Peeniinsulaa Kiriimiyaa kutaa biyyattii guddittii waliin walqunnamsiisu dabalatee bu’uuraaleen misoomaa Raashiyaa Kiiv “tarkaanfii dursaa” ta’uu isaanii dubbataniiru jechuun qeeqaniiru.

Dubbi himaan Raashiyaa Peskov kun ibsi akkanaa Raashiyaan Guraandhalaa 2022 Yukireen keessatti ”hojii waraanaa addaa” ishee yeroo jalqabde sirrii ta’uu ishee kan mirkaneessu ta’uu hubachiisuu Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading