• Wed. Nov 25th, 2026

Bilxiginnaan aarii fi xiiqeeffannaa uummatni ajjeefamuu Jaal Battee Urgeessaan murna faashistii PP irratti qabaachaa jiru gara dabarsuuf tarkaanfii ittiin dura dhaabbatan mari’achaa jiru

Apr 14, 2024

ONM-ABO Ebla 13, 2024

Duula waraanaa Wiixata dhufu geggeessuuf qophaa’aniin cinaatti rasaasaa fi meeshaalee waraanaa qabne, Faannoo magaalota Oromiyaa keessatti Finfinnee dabalatee to’annoo jala oolchine, qaama badiinsa (boombii dhoosuuf) deemu to’anne, hoggana Faannoo to’annee, WBOtu harka kennachaa jiraan ajandaa uumuuf hojjechaa jiru.

Ajaandaa kanaanis hin milkaa’an yoo ta’ee fi diddaan uummataa kan jabaatu yoo ta’e walitti bu’iinsa biyyootaa fi sabootaa uumuun uummata gara sanatti tokkummaan hirmaachisuu jechuun ajandaa bocachuun dhaga’aameera.

Leave a Reply