ONM-ABO Ebla 14, 2024
Birgeediin Abiddaa olola bilxiginnaan WBOtu gale, badee fi meeshaalee gurguddaa fidanii dhufan jedhu qe’ee Yilmaa Mardaasaa hogganaa humna qilleensaa bilxiginnaa aanaa Ammayyaa mooraa bilxiginnaa ganda Goosuu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen ammatti Dishqaa fi bireena 2 irraa hiikee jira.
Yilmaa Mardaasaa qe’ee isaaniif mooraa waraanaa ijaaree loltoota 600 oltu buufatee tiksaa ture. Waraanni bilxiginnaa waraana hoggantootaa fi paartiiti malee kan uummataa miti yeroo jennu sababni keenya hedduu dha.
Gumaan Jaal Battee fi Oromoota danuun dhiigaan deebiti!
Injifannoon Uummata Oromoof!
