ONM-ABO Ebla 13, 2024
Rakkoo dinagdee hamaa impaayerrattii mudate irraa ka’uun murni bilxiginnaa yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa uummata sammuu naanneessee waan qabuu fi dhiisu wallaalee jirutti waggaa tokko keessatti yeroo sadii fi isaa ol uummata maqaa gibiraa fi inshuraansii fayyaa jedhuun saamicha irratti raawwachaa jiru.
Kaabinoota saamtotaa fi dantaa dhuunfaa isheef malee sabaaf hin yaadne uummatatti bobbaasuun uummata gidirsaa kan jiru bilxiginnaan, sababa kanaanis namoonni hedduunis qe’ee isaanii dhiisanii iddoowwan adda addaatti godaanuuf dirqamanii jiru.
Ebla 11, 2024 irraa eegaluun aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti kaabinoonni aanichaa milishoota qe’ee namootaatti bobbaasuun dirqamaan maallaqa inshuraansii fayyaa jechuun tokkoo tokkoo namootaa irraa qarshii kuma tokko tokko fuudhaa akka jiran dubbatan.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti waggaa tokko keessatti qofa maqaa inshuraansii fayyaa, gibiraa fi hidha laga Abbayyaa jedhuun saamichi daangaa hin qabne nurratti geggeefamaa jira jechuun haalli isaan keessa jiranis hedduu yaaddessuu himan.


