ONM- ABO Ebla 12, 2024
Sirni ajjeesaan bilxginnaa ilmaan Oromoo ajjeesuun bira darbee reeffa illee maatiin akka kaafatee hin awwaallanne gochuu fi sirna awwaalcha isaa irratti illee namoota hedduu irratti miidhaa qaamaa fi hidhaa raawwachaa jira.
Ebla 10, 2024 ajjeefamuu Qondaala ABO Jaal Battee Urgeessaatiin walqabatee murni bilxginnaa namoota hedduu mana hidhaatti galchuun dararuun achi buutee dhabamsiisaa jira.
Sirna awwwaalcha Jaal Battee Urgeessaa guyyaa kaleessaa geggeefame irratti namoonni danuun humnoota kanaan kan butaman ta’uu fi haalli magaalattii keessa jirus hedduu yaaddessaa ta’uu ibsan.




