ONM-ABO Ebla 13, 2024
Bara bulchiinsa abbaa irree darbanii caalmaatti biyya abbaasaa irratti bulchiinsa bilxiginnaan dararaamaa kan jiru uummanni Oromoo ammas rasaasa sirnichaan lubbuu isaa dhabaa, qe’ee fi qabeenyi isaa ibiddaan barbadaa’aa gariin ammoo jiruu isaa irraa qabamee mana hidhaatti hiraarfamaa jira.
Ebla 10, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Haasaasaa ganda Coofiraa Shaashee keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun namoota lama kan maqaan isaanii Abdullee Jaarsoo Jiloo fi Jibiriil Kanniisoo kanneen jedhaman mana hidhaa keessaa baasuun kan ajjeesan yoo ta’u namoota hedduus qabanii hidhanii jiraachuu maddeen gabaasan.
Namoota hidhamanii jiran keessaa muraasa kan maqaa arganne Abdannee Badhaasoo, Fayisoo Sheek Kadir, Abuunaa Amaanoo kanneen jedhaman yoo ta’u nama maqaan isaa Taajuddiin Kamaal jedhamu ammoo achi buutee kan dhabamsiisan ta’uun barameera.
Aanichuma keessaa ganda Dabaaraa Shaashee jedhamu keessatti ammoo Manneen jiraattootaa 39 yoo guban aanaa Qoree ganda Waajjii Ibsanaa keessaa manneen 6 gubuun, gandoota aanaa Negellee Arsii keessaas namoota hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.








