• Tue. Nov 24th, 2026

Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessatti namoonni gara miliyoona 55’tti dhiyaatan beela akka isaan mudatu UN akeekkachiiseera

Apr 14, 2024

ONM-ABO Ebla 13, 2024

Dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanii akka jedhanitti qaala’iinsi jireenyaa dijiitii lamaa fi oomishni biyya keessaa dhaabbachuun rakkoo beela kanaaf sababa guddaadha.

Lixaa fi Giddugaleessa Afrikaatti ji’oota dhufan keessatti namoonni gara miliyoona 55 ta’an of sooruuf rakkatu, sababiin isaas gatiin olka’aa dhufuun rakkoo nyaataa boba’aa ta’eera jechuun dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanii akeekkachiisaniiru.

Ibsa waloo Jimaata kaleessa kennaniin, Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP), dhaabbati daa’immanii UNICEF, fi Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa (FAO) waggoota shanan darban keessatti lakkoofsi yeroo qamadii waxabajii- Adooleessa keessatti beela mudate dachaa afuriin dabaleera .

Dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanii akka jedhanitti, gatiin midhaan ijoo gurguddoo naannichatti giddu galeessa waggoota shanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 10 irraa gara dhibbeentaa 100 ol dabaluu itti fufeera.

Keessattuu kaaba Maalii keessatti haalli kun yaaddessaa ture, namoonni gara 2,600 ta’an beela hamaa mudachuu akka hin oolle dabalee ibseera.

”Yeroon tarkaanfii fudhachuu qabnu amma. Michoonni hundi tarkaanfii fudhachuu qabna … haalli kun akka to’annaa jala hin baane ittisuuf,” jedhan Margot Vandervelden, WFP’n itti aanaa daayreektarri naannoo Afrikaa Dhihaa.

“Jireenya daa’immanii irratti jijjiirama waaraa fiduuf haala daa’imaa akka waliigalaatti ilaaluun sirna barnootaa, fayyaa, bishaanii fi qulqullina, nyaataa, fi eegumsa hawaasummaa cimsuu qabna,” jechuun dabalaniiru.

Naannichi nyaata biyya alaatii galfamu irratti hirkattummaa guddaa qabaachuun isaa keessumaa biyyoota qaala’iinsa jireenyaa olaanaa waliin wal’aansoo qaban kanneen akka Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Seeraaliyoon irratti dhiibbaa kana cimseera.

Imaammattoonni oomisha nyaataa biyya keessaa guddisuu fi adda addaa taasisuu qabu “wabii nyaataa fi soorataa kanaan dura hin argamneef deebii kennuudhaaf” jedhan, Qindeessaan naannoo Xiqqaa FAO Afrikaa Dhihaa Roobart Guei jechuun Aljeeziraa Gabaaseera.

Leave a Reply