• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba-Bahaa Cibraan Jaal Nadhii  Gammadaa tarkaanfii laalessaa diinarratti fudhatu itti fufe

Apr 20, 2024

ONM-ABO Ebla 16, 2024 

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Waajii Raphasaa iddoo addaa Qarsaa jedhamutti waraana maafi’aa PP qabeenya uummataa saamtee fe’attee  deemaa turte kaleessa Ebla 16, 2024 haxxee itti hidhuun tarkaanfii irratti fudhateen  lafatti ishii ciree qabeenya harkaa buusuun ofi duuba deebiseera.

Gootichi abdii sabaa hayyichi abdii biyyaa gamnichi qaroo sabaa WBOn diina maqaa sakattaa WBOtiin socho’uun saamicha uummata irratti bobba’aa jirtu adaba cimaa kennaafii jira.

Lola guyyaa kaleessaa aanaa Sirkaatti gageeffameen diinni garmalee miidhamuun waan hawaasa irraa saamtellee gattee, taan dhumuun taan du’uun warri hafte baqattee of booda deebitee jirti.

Lola kana keessatti tan duute, 17 madoon 24 yoo ta’u murni abdii kutate  kun yeroo sanatti madoo gatee baqachuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading