ONM-ABO Ebla 15, 2024
Oromiyaa godinoota hundaa keessatti bara sirni abbaa irree bilxiginnaan aangootti dhufee eegalee ajjeechaa, hidhaa, dararaa, manneen gubaatii fi buqqaatiin lammiilee nagaarra ga’u dhaabbachuu dhabuun daran akka itti fufee jiru jiraattonni dubbatu.
Waraanni farra-namoomaa fi nageenya jiraattootaa booressuuf bobbaafaman hidhattoonni koloneel Abiy Ahimed Ebla 13, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Koobbaree jedhamu keessatti jaarsa biyyaa fi abbaa amantii kan ta’e Sheek Raamatallaa rasaasa itti roobsuun ajjeesuun akka gatantu himama.
Sheek Raamatallaan maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggerta jedhuun yeroo dheeraaf waraana faashitii PP’n adamsamaa akka turan kan himamu yoo ta’u, murtee seeraan ala humnoonni mootummaa abbaa irree qaama seeraaf osoo hin dhiyeesin yakka ajjeechaa kana akka irratti raawwatanis jiraatonni dabaluun ibsan.
Taateen ajjeechaa Oromoo irratti ta’aa jiru kan yeroo ammaa kun ammoo, kan durarraa adda ta’ee mul’achaa jiraachuun namootni hedduun Oromoo ta’anii jiraachuuf yaaddoo keessa jiraachuun barameera.

