• Sun. Mar 15th, 2026

Hidhattootni Faannoo Amaaraa ofiin jedhan lola uummata nagaa irratti baniin ajjeesuu, madeessuu, manneen gubuu fi achi buutee dhabamsiisuu hammeessan

Apr 22, 2024

ONM-ABO Ebla 19, 2024

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii ijaarsa isaanii cimsatan golee Oromiyaa mara keessatti uummata Oromoo daangaa Amaaraan wal daangessan hunda irratti ajjeechaa suukanneessaa, Saamicha qabeenyaa, gubaatii manneenii, akkasumas namoota jiraatti ukkaamsuu dabalatee qe’ee irraas buqqisuun gidiraa hamtuu agarsiisaa jiraachuun ni beekama,

Bifuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa keessatti iddoo 4’tti gaafa Ebla 16, 2024, sa’atii 9:00 irraa eegaluun hanga Ebla 18,2024’tti ganda Taraf jedhamuu fi ganda Elemoo, akkasumas bakka namoonni loon godaansisuun Uranee jiraatan iddoo addaa Uguloo jedhamuu fi Randooyyee jedhamutti, lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun uummata Oromoo irratti taasisaa jiraniin namoonni hedduun ajjeefamuu fi madaa’uun manneen hawaasaa gandi lama mi’a mana keessaa tokkko osoo hin baafatin jalaa gubachuun barbadaa’uu fi  saamamuu jiraattotni dabaluun dubbatan,

Namoota hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa faannootiin ajjeefaman keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e Mohaammed Yuusuuf ganda Goobayyaa, Adam Bullaa ganda Goobayyaa, Mohaammed Ahimed magaalaa Qalloo, Huubii magaalaa Qalloo, Sa’id Garbii, Sa’id Hasan, kanneen jedhaman ajjeefamuun madoon hangi ta’e adda kan hin baanee fi gandi lama guyyaa kaleesaa  Ebla 18, 2024 hanga galgalaatti gubachaa turuus Himan.

Ganda Elemoo, fi Facoo jedhamu keessatti guyyuma kaleessaa   iddoo mana guban kanaa ammoo namoonni ja’a hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kanaan jiraatti ukkaamfamuun achi buuteen isaanii dhabameera jechuun maddeen keenya himaniiru,

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa akeeka sirna moofaa bakkeetti deebisuu qabatanii socho’aa jiran kun akka maddeen jedhanitti gaafa Ebila 16, 2024 ganama osoo dhukaasni hin banamin namoota 270 uffata milishaa Naannoo Amaaraa itti kaa’uun magaalaa Kamisee Galma Abbaa Gadaatti erguun, murna bilxiginnaa waliin mariirra akka oolanii galanii fi erga isaan deebi’aniin booda dhukaasa uummata irratti akka banan ibsan.

Lolli kun yeroo ammaas kan hin dhaabbanne yoo ta’u murni maafi’aa PP uummataaf birmachuu osoo qabuu, garuu kaayyoon murna bilxiginnaa uummata Oromoo balleessuudha waan ta’eef akkuma dura Finxaaleeyyii hidhachiise yeroo ammaas wal mari’atanii duula duguuggaa sanyii nurratti bansiisee, manneen keenya nurraa gubsiisee da’oo malee nu hambisaa fi qabeenyaa keenya saamsisaa kan jiru murna bilxiginnaa maqaa Oromoon gara aangoo Impaayerattiitti dhufeedha jechuun guddoo itti gadduus dabaluun addeessaniiru,

Dabalataan murni bilxiginnaa akka hawaaasni walitti hin birmanneef seennaa magaalaa fi daandii uummanni irra deemu hunda irratti karaa hidhuun, kanneen akka Kamisee, Qalloo,  Caffaa Roobitii fi Cirrattii keessatti namoota waan qabaniin walitti birmatan Qawwee, Saanjaa, Eeboo,fi Ulee dabalatee waan hawaasni sun qabatee gadi ba’e hunda irraa guuruun harka duwwaa erga hambisaniin booda gara manaatti deebisaa akka jiran jiraattotni kun miira aarii fi gaddaan guutameen dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading