• Sun. Mar 15th, 2026

WBOn Meettaa Roobii, Jalduu fi Warra Jaarsoo keessatti diina adabaa oole

Apr 22, 2024

ONM-ABO Ebla 19, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana faashistii PP maqaa sakattaa WBOn uummata Oromoo dararaa deemtu godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii, Jalduu fi Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsootti  du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii har’a Ebla 19 aanaa Meettaa Roobii ganda Jimaata Goolaa keessatti fudhateen humna diinaa hedduu du’aa fi madoon adabuun AKM 20  irraa hiikkateera.

Guyyuma kana Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Koluu fi Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Bitoo Doobbii keessatti tarkaanfii jajjabeen WBO waraana faashistii PP irratti fudhataniin loltoota Abiy Ahimed irraa hedduu ajjeesuun gariin madeessee injifannoo boonsaa galmeesseera.

Injifannoon Uummata Oromoof❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading