• Fri. Mar 13th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa onoota hundaa keessatti hawaasni waraana faashistii PP’n dararamaa akka jiran ONM’tti himan

Apr 23, 2024

ONM-ABO Ebla 22, 2024

Bilxiginnaan sochii duula WBO balleessuu jedhuun Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti sarbamiinsa mirgoota namoomaa hawaasa irratti geggeessaa akka jiru jiraattonni dubbatan.

Sochii sakatta’insa WBO jedhu kanaanis ji’a Ebla kana keessa aanota akka Coomman Guduruu, Jimmaa Gannatii, Abaaboo Guduruu, Sulula Finca’aa, Jaartee, Amuruu, Abee-Dongooroo fi kanneen hafan biroo keessatti namoota nagaa qabuun hidhuu fi saamaa akka jiranis himu.

Tarsiimoo maqaa WBO dhabamsiisuu jedhuun duula ijibbaataa irratti kan argamu murni bilxiginnaa hojjeettota mootummaa seekteroota adda addaa irraas dirqamaan baadiyyaa keessa bobbaasanii akka jiranis himaniiru.

Namoonni dirqamaan WBO adamsitu jedhamanii waraana faashistii PP’n bobbaafaman kunneen meeshaalee waraanaa malee sochii baadiyyaa keessatti gochaa akka jiranis barameera.

Dabalataanis manneen miseensota waraana bilisummaa Oromoo deemuun maatii dirqamsiisanii ilmaan keessan waraana keessaa galchaa kanaan achi isin fixna jechuun doorsisaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading