• Wed. May 6th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo keessatti dargaggoonni lama murna PPn ajjeefaman

Apr 23, 2024

ONM-ABO Ebla 22, 2024

Akkuma bishaan baduuf jiru ni ajaa’a jedhan murni bilxiginnaas baduuf wayita jirutti lubbuu ol adeemtootaa kichuutti ciraa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 20, 2024 waraanni ajjeechaaf Oromiyaatti bobbaafaman kunneen Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda 01 fi ganda Odaa Dhanqaatti dargaggoota maqaan isaanii Saamu’eel Tasfee Jaarsoo fi Abdii Haftee jedhaman sababa tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesan.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneen ijoollee qaroo fi egeree abdii biyya kanaa akka ta’an jiraattotni ibsuun, itti dabaluun ajjeefamuun ijoollee kanaa uummata ollaa isaanii akka mufachiises ibsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading