• Mon. Mar 16th, 2026

Irree fi gaachanni sabaa WBOn zoonii Kibba Baha Oromiyaa keessa socho’u diina du’aa fi  madoon adabuu beeksiise

Apr 25, 2024

ONM-ABO Ebla 23,2024 Guyyaa har’aa jechuun Ebla  23  godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhuuboo keessatti waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte uummatichaaf birmaachaan tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen  loltoota 5 ajjeesuun 9 madoo dandammii hin qabneen adabee gara magaalaa aanichaatti deebisee jira.

Aanaa Muneessaa keessatti waraanni maafi’aa PP maqaa sakkattaa da’oo godhatee bobba’uun  uummata kan dararuu yeroo ta’u, gocha badii isaa kana taa’ee ilaaluu kan dadhabe gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo guyyuu tarkaanfii irratti fudhachuun reeffa allaattii sooraa jiraachuun ni beekama.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading