• Wed. Nov 11th, 2026

Waraanni goolessaan bilxiginnaa Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti haadha ijoollee tokko rasaasaan rukutuun maatii isheerraa ajjeesan

May 3, 2024


ONM-ABO Ebla 26, 2024

Saba Oromoo daguugee biyya abbaa isaa irraa balleessuuf waraana itti bobbaasee lubbuu lammiilee nagaa obbaasaa kan oolu sirni nama nyaataan bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti ajjeechaa raawwachuun qe’ee ilmaan Oomootti gadda uwwisaa oola.

Dhiiga uummata nagaa dhangalaasuun akka waan jabina isaa ibsuutti kan yaadu murni PP gaaffii uummataa deebisee biyya nagaan bulchuu irra saba hiika siyaasaa hin beekne mana isaa keessaa gad baasuun rasaasa itti roobsee ajjeesaa jira.

Haaluma kanaan Ebla 25, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Burii iddoo addaa Kusaayee jedhamtu keessatti haadha maatii nama maqaan ishee Hawwaa Mohaammad jedhamtu ergamtoonni bilxiginnaa dhala namaaf gara laafina hin qabne daa’ima waggaa tokkoo irraa mana isheetii gadi baasuun rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan jiraattoonni onichaa ONM’tti himan.

Waraanni abaaramaan murna PP dubartii ciniinsuu irra jirtu, haadha daa’immanii badii tokko malee Oromiyaa keessatti ajjeesuun  baratamaa ta’ee iddoowwan hedduutti itti fufee jira.

Leave a Reply