ONM-ABO Ebla 27, 2024
Duula ijibbaataa fi duguuggaa sanyii gochuuf murni bilxiginnaa kallattii tokkoon ilmaan Oromootti waraana bobbaasee fixaa yeroo jiru kanatti, sabuma irraa dhalatan irratti gaaga’ama akka geggeessaniifis dhalattoota Oromoo dirqamaan dirree leenjiitti guuraa jirachuun beekame.
Bifuma kanaanis murni faashistii PP leenjii milishummaaf yoo xiqqaate ganda tokkorraa namoota 150 ol walitti qabuun leenjisaa jiraachuun, akka waliigalaatti godina Horroo Guduruu Wallaggaatti namoonni leenji’aa jiran haalaan baay’ee akka ta’es jiraattonni himan.
Oduu saamichaatiin ammoo jalqaba torbee kanaas aanaa Guduruu ganda Qorkee jedhamu keessaa waraanni maqaa sakattaa WBO’n bobba’an qabeenya Obbo Garramuu Yimaar jedhamu horii 200 ol yoo fudhatan, jiraattota gandichaas buqqisaa jiraachuun barameera.
Dabalataanis aanaa Abaaboo Guduruu ganda Looyyaa jedhamu keessaa Ebla 24, 2024 qabeenya Obbo Badhaasaa Tolosaa loon hedduu jalaa akka saaman jiraattonni ONM’tti himaniiru.



