• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuugoo keessaa uummanni waraana faashistii PP’n saamamaa jiraachuu ONM’tti himan

May 4, 2024

ONM-ABO Ebla 30, 2024

Saamichi murni faashistii PP Oromiyaa keessatti gochaa jiru, qorqalbii hawaasa Oromoo miidhuu fi maatiin ilmaan isaanii jiraachisuun itti ulfaatee namuu haala hamaa fi ulfaataa Keessummeessaa jira jechuun dubbatu.

Bifuma kanaanis godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo gandoota hundaa keessatti yeroo ammaa kana tumsa murna bilxiginnaa jechuun kaadiroonni fi humnoonni milishaa naannoo keessa socho’uun hawaasa saamuu irratti akka argaman ni himama.

Keessattuu Ebla 28, 2024 irraa qabee jiraataan ganda tokkoo qabeenyaa isaa irraa hir’isee qarshii 7000 akka gumaachuuf ajajni darbee jiraachuun namoonni maallaqa of-harkaa dhabanis doorsifamaa fi gariin ammoo hidhamaa akka jiranis beekameera.

Namoota harka qalleenyii kaffaluu hin dandeenye dirqamsiisaa jiraachuus himuun, kanneen kaan ammoo horii isaan qaban jalaa gurguraa akka jiranis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading