ONM-ABO Ebla 29, 2024
Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu maqaa jedhuun caasaa fi lukkeeleen bilxiginnaa guyyaadhaa gara guyyaatti tarsimoo badii isaan baasaa oolaniin lubbuun namoota nagaa ba’aa jiru dabalaa akka jiru jiraattonni dubbatu.
Bifuma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Miidaa-Qanyii ganda Bakkaafaa Abeetoo bakka addaa Bakkaafaa jedhamu waraanni faashistii PP mooraa godhatee yeroo dheeraaf turuun Ebla 25, 2024 mooraa sana gadhiisuun akka ba’an jiraataan gandichaa ONM dubbise tokko hime.
Waraanni gabroomsaa kunneen akkuma mooraa sanaa ba’aniinis nyaata itti fayyadamaa turanitti summii falaame naquu fi manneen hedduu ammoo ni sakattaana jechuun ol itti seenanii qodaatti akka naqan jiraattonni himan.
Jiraataa ganda sanaa kan ta’an Obbo Tasfaayee Bushuu irratti gochaan hamaan kun raawwatamuun kan himamu yoo ta’u, ilmaan isaa shan nyaata summiin falaame kana kennuufiin yeroo deemanitti mucaan dubaraa tokko lubbuun battalumatti ba’uun namoonni 4 ammoo miidhaa guddaaf akka saaxilaman beekameera.
Namni lubbuun darbes durbee maqaan ishee Maarree Tasfayee jedhamtu yoo ta’u, Kumee Tasfayee dabalatee namoonni hafan sadan ammoo miidhaa qaamaa ulfaataaf akka saaxilman himaniiru.
Dabalataanis loon hawaasaa 7 nyaata summa’aa faalame kanaan lubbuun akka darbes barameera.

