• Sat. May 18th, 2024

Godina Gujii Bahaa aanaa Sorraa keessatti dargaggoota sadi maqaa WBO’n yakkuun mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuun beekame

May 4, 2024


ONM-ABO Ebla 29, 2024

Hidhaa namoota nagaa irratti raawwachaa jiraniin murni bilxiginnaa akka qabsoon uummatichaa laaffatu, akkasumas lola kallattii hundaan impaayerittii irratti adeemaa jiruuf uummata Oromoo dararuun fala ni ta’a jedhee ofiitti fudhachuun gidiraa hamaa raawwachaa jiru.

Egeree sabichaatti yeroo ammaa yaaddoo guddaa uumee kan jiru murni bilxiginnaa, namoonni nagaan ba’anii galuun hedduu yaadeessee jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti ni dubbatu.

Gujii Bahaa aanaa Sorraa ganda Barsiisa Gaalloo keessaa dargaggoota sadii kan maqaan isaanii Dassuu Gizaachoo, Alamuu Baanataa fi Guddinaa Gammadaa jedhaman badii isaanii malee gocha isaan hin qabne irra kaa’uun hidhanii dararaa akka jiran jiraattotni himaniiru.

Murni bilxiginnaa yeroo ammaa muddama hamaa keessa galuun namoota nagaa badii tokko malee shakkiin ilaaluun ajjeesuu, hidhuu fi achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading