• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti waraana faashistii PP fi finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoon dararaan hawaasa irra ga’aa jiraachuun himame

May 5, 2024

ONM-ABO Caamsaa 4, 2024

Aanaa Giddaa Ayyaanaatti uummanni reebicha, hidhaa fi ajjeechaan karaa murna gabroomfataa PP fi Faannoon sarbamni mirga namoomaa garmalee kan irra ga’aa turee fi kan jiru yoo ta’u, ammas Roobii darbe Caamsaa 01, 2024 ganda Dirree Guddaa irraa namoonni nagaan qabamuun hidhaman.

Namoonni hidhamanis maqaan isaanii Darajjee Hundee, Gammachuu Abdiisaa, Abbabaa Raggaasaa, Taakkalaa Itoophiyaa, Galataa Gurmuu, Lammeessaa Mul’ataa, Biqilaa Hundarraa, Biqilaa Goljaa, Mul’ataa Akkumaa, Asaffaa Jammaraa fi Habtaamuu Fiqaaduu kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf waajjira Poolisii aanaa Giddaatti hidhamanii dararamaa jiru.

Aanichuma naannoo magaalaa Angar Guuteetti ammoo Finxaaleyyiin Amaaraa gandoota 24 keessatti ilmaan Oromoo lafa irra jiraataa turan irra akka hin dhufneef kaadiroota aanaatiin tumsamuun adamsaa jiraachuu himatu.

Bakkeewwan akka: Andoodee Dichoo, Alii fi kanneen hafan biroo keessatti Oromoon qe’ee isaa irraa ugguramuu fi finxaaleeyyiiin kun akkuma waan biyya isaaniirra jiranii olaantummaa agarsiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply