ONM-ABO Caamsaa 4, 2024
Murni maafi’aa PP uummata dararuu itti fufuun ol adeemtoota meeqa karaatti kutaa kan jiru, waggoottan ja’an kana keessatti qe’ee haadholii hedduutti gadda uwwisee miseensota maatiis dararuun impaayerattii addunyaa abiddaa taasisee jira.
Aanaa Makkoo keessatti sababa Oromummaa isaanii qofaaf namoonni Ebla 18,2024 magaalaa Makkoo ganda 01 keessaa ugguramuun hidhaman: Dassuu Tasfaayee, Habtaamuu Bacarraqaa, Hayiluu Taaddasaa fi Amaanu’eel kanneen jedhaman badii tokko malee mana hidhaa aanichaatti dararamaa jiru.
Dabalataanis, godinichuma aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaabootti uummanni rakkoo ulfaataa keessa jiraaachuun, rakkoo dhiyeessii xaa’oo sirnichi uumeen hiraarfamaa jiraachuu himatu.
Jireenyi qotee bulaa xaa’oo irratti hundaa’uun kan jiraatamu yoo ta’u, xaa’oon yoo hin jirre qotee bulaan akka barbaadetti callaa isaa oomishuu hin danda’u. Haa ta’uu malee sirni PP jiraattota gandichaan “isin deggertoota WBO” ti jedhanii xaa’oo 25kg qofa kennuun uummanni rakkoo ulfaataa argaa jiraachuu ibsan.
Jiraattonni gandichaa, akka gandichaatti talaalliin beelladaa dhabamuun horiin hawaasaa dhukkuba ‘Abbaa Sangaan’ dhumaa akka jiranis himaniiru.
Aanichatti dabni yeroo adda addaatti murna gabroomfataa PP’n deemaa kan ture yoo ta’u, gandoonni akka: Ifa Baas Cooree, Tuulamaa fi Qobboo jedhaman gonkuma xaa’oo kan hin argannee fi tajaajiloota uummanni barbaadu argachaa akka hinjirre jiraattonni ONM’tti himan.
