ONM-ABO Caamsaa 4, 2024
Bara dhufaa darbaan duula duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiran tiksitoonni impaayera Itoophiyaa yeroo ammaa daranuu gochoota suukkanneessoo uummata irratti jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan Godina Arsii Lixaa aanaa Dugdaa gandoota aanichaa cufa keessatti maqaa WBO deggartuu fi nyaachistu akkasumas gibira mootummaaf kaffalaa hin jirtan jechuun uummata saamaa, hidhaa fi gudeedaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Qeerroo, qarree fi abboota warraa 100 ol ta’an jumlaan hidhanii mana murtiitti osoo hin dhiyeessin dararaa irratti raawwachaa akka jiran jiraattonni dubbatu.
Namoonni ergama diinaa fudhachuun uummata dararaa jiran, Nuuraa Saafayoo Bulchaa aanichaa, Sintaayyoo Kurfaa itti aanaa bulchiinsa aanaa, Dasoo Galaanoo bulchiinsa fi nageenya aanichaa, Ayyuub Dureessaa Poolisii aanichaa ta’uu ibsan.
Aanaa Xiyyoo keessattis namoonni jumlaan qabamanii mana hidhaa Asallaa fi Goljaa keessatti dararamaa jiru.
Aanaa kana keessattis namoonni ergama dabaa murna PP irraa fudhatanii uummata Bahaa fi gala dhorkaa jiran, Bulchaa Aanichaa Gaashahuun nama jedhamu itti gaafatamaa bulchiinsa fi nageenya aanichaa, kantiibaa magaalaa Goljaa Musxafaa jedhamu, poolisii Magaalaa Goljaa Gammachiisii fi Abdurhamaan kan jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.





