• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti dargaggoon tokko hidhattoota sirnichaan ajjeefamuun hidhaanis raawwatame

May 5, 2024

ONM-ABO Caamsaa 4, 2024

Oromiyaa keessatti ol adeemaan dargaggoota Oromoo murna bilxiginnaan sababa tokko malee adamfamuun kichuutti akka baalaa harca’aa jiru.

Sirni duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti raawwachaa jiru, yeroo ammaa daran jabeessuun keessattuu dargaggoota abdii biyyaa ta’an irratti xiyyeeffachuun duguugaa kan jiru yoo ta’u Caamsaa 1, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee keessatti sababa tokko malee dargaggoo maqaan isaa Tonkoluu Magarsaa Bayii kan umriin isaa waggaa 20 ta’e qabuun mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa keessatti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni himan.

Dargaggoon ajjeefame kun siyaasa kan hin beeknee fi hojii qonnaan maatii isaa gargaruun kan jiraatu ta’uu himuun, maalif akka qabanis osoo hin dubbatin ajjeesanii maatii itti waamuu malee balleessaa isaa illee kan hin dubbanne ta’uus ibsan.

Akkasumas guyyuma sana Abdiisaa Baqqalaa Beeggii daa’ima umrii 14, Eliyaas Xilahuun umrii 18 fi Dabalaa Milishaa Saggaa kan jedhamanis qabuun mana hidhaatti galchanii reebicha hamaa irratti raawwachaa akka turan dubbatan.

Gocha diinummaa waraanni faashistii PP raawwachaa jiru kana irraa ka’uun, hireen dargaggoota kanaas akkuma hiriyaa isaanii kana ta’aa laata jechuunis jiraattonni miira gaddaatiin ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply