ONM-ABO Caamsaa 1, 2024
Sirni bilxiginnaa koree ajjeechaa hundeessanii duguuggaa sanyii raawwachaa jiran jabeessuun uummanni nagaan iddoowwan hedduutti haala suukkanneessaan qe’ee isaanii keessatti ajjeefamaa jiru.
Haaluma kanaan Ebla 15, 2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu ganda Tokkummaa Jaarsoo keessatti sababa tokko malee Bashaanaa Dastaa fi haadha warraa isaa ilmaan ja’a irraa rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu jiraattotni.
Biraanuu Badhaanaa abbaa ijoollee sadii gandichuma keessatti mana isaa keessaa baasuun Ebla 29,2024 hawaasa fulduratti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Akkasumas Taarraqany Waaqoo kan jedhamu abbaa maatii shanii aanaa Abaaboo magaalaa Shunqee keessaa gaafa Ebla 29, 2024 harka duubatti hidhuun qabanii mana isaa geessanii boolla balbala isaa dura jirutti ajjeesanii gatuun akka maatiin reeffa hin awwaallanne gochuun biraa deemuus jiraattotni ONM’tti himan.
Gochoonni suukkanneessaan uummata Oromoo Horroo Guduruu Wallaggaa irratti qaamota bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraan irratti raawwatamaa jiru kan uummaticha lafa irraa duguuguu akka ta’e jiraattotni dubbataniiru.



