• Wed. Nov 25th, 2026

WBOn ganama kana godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii fi Yuubdoo keessatti diina du’aa fi madoon adabuun bireena irraa hiike

May 5, 2024

ONM-ABO Caamsaa 1, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ganama har’aa Caamsaa 1, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii magaalaa Dibbee akkasumas aanaa Yuubdoo magaalaa Ciisaa Birrii keessatti tarkaanfii guggubduu Birgeediin Odaa Kaarraa Cibraan Afaan Qawwee Buttaan Faana Kaayyoo, Barbadaa fi Hidhannoo Haqaa waloon waraana garboomsaa PP irratti fudhataniin injifannoon cululuqaan galmaa’eera.

Tarkaanfii kanaanis waraana faashistii PP irraa 25 ajjeesuun 33 madeessee loltoota Abiy Ahimed 2 harkaan kan qabe yoo ta’u, qawwee AKM 20 ol, Bireena 1 fi meeshaalee waraanaa adda addaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply