ONM-ABO Caamsaa 1, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn kaleessa Ebla 30 godina Qellem Wallaggaa aanaa Tajjoo ganda Saasii keessatti waaree booda toora sa’a 10:00 hanga 12:00tti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun diina du’aa fi madoon adabee jira.
Tarkaanfii WBOn Birgeedii Odaa Kaarraa Cibraa Hangaasuu Gambitaa fudhatee ganda lama keessa dabarsee gara magaalaa Tajjootti deebiseen humna diina irraa 15 ajjeesee 19 madeessuun hidhamaa 1 harkaa gadhiisisee qawwee AKM 5 fi rasaasa AKM 1000 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
