• Sun. Nov 22nd, 2026

WBOn Zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

May 5, 2024

ONM-ABO Caamsaa 1, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana faashistii PP maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa saamaa turte haxxee itti hidhuun dhukkee itti kaasaa oolee jira.

Guyya kaleessaa jechuunis Ebla 30/2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Caffaa keessatti waraana maafi’aa PP uummata nagaa midhaan, maallaqaa fi meeshaalee manaa keessaa irraa saamtee galuuf yaatu haxxee itti hidhuun loltoota 6 irraa ajjeessuun 9 madoo dandammii hin qabneen adabee meeshaalee isheen uummata irraa fe’achuun garaa magaala aanicha deemaa turte gachisiisee baqachisuun of duuba deebisee jira.

Waraanni faashistii lolaaf haamilee hin qabne kun dararaa uummata irratti raawwachuun hawaasicha qabsoo irraa ofi duuba deebisuuf akka hojjechaa jiran barameera.

Akka kanaanis aanota keessa naanna’an keessatti doorsisa, reebicha, hidhaa, saamicha, gubiinsa, godaansisuu fi ajjeesuu raawwachaa jiru.

Haa ta’u malee, osuma gochoota akkasii murni maafi’aa PP raawwachuun uummaticha jiilchee Waraana Bilisummaa Oromoos duubatti deebisuuf karoora okkolaa raawwatu, WBOn tarkaanfii deebisee isaan irratti fudhatuun injifannoo argachaa jiraachuun ni beekama.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply