• Wed. Nov 25th, 2026

Hidhamtoonni Oromoo kutaalee Oromiyaa gara garaa keessaa walitti qabamuun, Kaaba Oromiyaa Magaalaa Kamisee keessatti hidhamanii jiran dararaan irra ga’aa jiraachuu dubbatan

May 5, 2024


ONM-ABO Ebla 30, 2024

Magaalaalee Oromiyaa bakkoota gara garaa irraa dargaggoota qabuun gara magaalaalee Dirre Dhawwaa fi magaalaa Kamisee keessatti hidhuun kan dararu sirni PP, magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa garaa garaa keessaa guuramuun magaalaa Kamisee keessatti hidhamanii kan jiran rakkoolee garaa garaaf saaxilamaa jiraachuu maddeen keenya himan.

Akka maddi keenya magaalaa Kamisee irraa dubbifne jedhetti, Dargaggoo Gazzaanyiin dabalatee dargaggoonni hedduun Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessaa ukkaamfamuun gara magaalaa Kamisee geeffamanii hidhamanii akka jiranii fi hidhamtoonni kunneenis firaa fi maatii isaanii qunnamaa akka hin jirre ibsee jira.

Dargaggoo Gazzaany magaalaa Finfinnee keessatti hojii humnaa hojjechuun of jiraachisaa kan ture yoo ta’u, WBO waliin hariiroo qabda jechuun butanii magaalaa Finfinnee keessa erga tursiisaniin booda, gara magaalaa Kamisee geessuun waggaa 2 oliif ajaja mana murtii malee hidhamee akka jirus himee jira.

Bulchaan godina Kamisee Ahimed Alii jedhamu, hidhamtoonni lakkoofsaan 66 ta’an akka hin baane ajaja dabarsuun hidhamtoota kanaaf tajaajilli ga’aanis akka hin kennamne taasisee jiraachuu hidhamtoonni kunneen maddeen keenyatti himaniiru.

Leave a Reply