• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Amboo fi Midaa Qanyii keessatti hidhaa, manneen gubaatii fi dararaan hammaate

May 5, 2024


ONM-ABO Caamsaa 3, 2024

Uummata gidirsuun amala mootummaa gabroomfataa impaayera Itoophiyaa ta’uun umrii turtii isaa dheereffachuuf jecha qaqqaalii sabaa kanneen ta’anii fi iji uummata Oromoo irra jiru waraanni faashistii PP qabuun achi buutee dhabamsiisaa akka jiru ni beekama.

Murni bilxiginnaa waraana hawaasa nagaatti bobbaasuun kichuu meeqa karaatti kutee, dhiiga saba qulqulluu akka lolaa gannaa dhangalaasuu, manneen qonnaan bultootaa gubuu aadeeffachuun aanaa Amboo ganda Doobbii jedhamutti Caamsaa 1, 2024 mana Obbo Habtaamuu Guddataa fi Obbo Abdiisaa Mi’eessoo qabeenyaa keessa jiru waliin gubuun barbadeessaniiru.

Manneen isaanii gubuun cinaattis sangoota 12 jalaa fuudhanii deemuun kan himamu yoo ta’u, Obbo Dagguu Qananiisaa fi Bayyanaa Qananiisaa jalaa ammoo meeshaalee mana keessaa guutummaatti Ebla 22, 2024 akka guban ONM odeeffateera.

Godinuma Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii ganda Abeetoo keessattis waraanni faashistii Abiy Ahimediin durfamu kun uummata hidhuu itti fufuun Ebla 23, 2024 namoota maqaan isaanii Hirphaa Madaqsaa fi Shuumaa Moosisaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhanii hiraarsaa jiraachuun himameera.

Leave a Reply