ONM-ABO Caamsaa 3, 2024 Gareen hojii badii hojjetu bilxiginnaan hawaasa hiraarsuun gadaa aangoo isaanii hiddaan gadhaabuuf jecha gochoota hawaasni quba hin qabneen yakkanii saamuu fi hidhuu jabeessanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaanis kaadiroonni sirna faashistii PP waraana sirnichaa waliin ta’uun godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa irraa gara ganda Waandii Daallee jedhamutti Ebla 30, 2024 sochii taasisuun jiraattota gandichaa irratti miidhaa qabeenyaa fi dararaa adda addaa taasisuun himame.
Waraanni shiftaa kunneen Ebla 30, 2024 ganda Waandii Daallee iddoo addaa Dooyyoo jedhamuutti dargaggoo Abdii Bultee jalaa doqdoqqee tokko fe’achuun bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraatti akka deebi’anis himameera.
Ebla 29, 2024 ammoo ganduma Waandii Daallee keessaa namoota maqaan isaanii Waannaa Bayyanaa, Sanbatoo Atoomsaa fi Malkaamuu Nagarii jedhaman yakka tokko malee qabuun mana hidhaatti darbanii jiraachuunis beekameera.
