ONM-ABO Caamsaa 1, 2024
Dhumaatii fi saamicha tibbana hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin Oromoota Walloo irratti adeemsifamaa jiruun abbootii konkolaataa ta’uun warrootni ergama Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo fudhachuun ajjeechaa fi saamicha uummata Oromoo irratti hidhattoota Finxaaleeyyii Faannootiin geggeeffamaa jiru milkeessuuf kallattii adda addaan hawaasa irraan miidhaalee garaagaraa ga’aa jiran hordoffii fi eeruu hawaasni kenneen maqaa fi lakkoofsi gabatee isaanii beekamuun danda’ameera.
Maqaan namootaa fi lakkoofsi gabatee isaaniis kanneen armaan gadiiti.
Umar Kilaash lakkoofsi gabatee 22560, Siraaj Ammadee Walee lakkoofsi gabatee 10379, Indiris Umar Warraaqii lakkoofsi gabatee 31755, Mohaammed Amiin Mangashaa lakkoofsi gabatee 08145, kan ta’an magaalaa Kamisee fi Sambatee jidduu deemuun gochaa diinummaa uummata Oromoo irratti raawwachaa akka jiran maddeen himuun, warrootni maqaan isaanii akka armaan oliitti eerame kun ergamtoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ta’uun gochaa gara jabummaa hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu jiraattotni himan.
Dhumaatii lubbuu fi mancaatii qabeenyaa hawaasa irratti raawwatame kanaaf jarreen kun itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa akka hin baane jiraattotni kunneen dubbachuun, gocha kana irraa akka dhaabbattan jechuunis dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

