• Sun. Nov 22nd, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti ajjeechaan dargaggoo tokko irratti waraana faashistii PP’n raawwate

May 5, 2024


ONM-ABO Caamsaa 1, 2024

Murni bilxiginnaa ajjeechaa suukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabeessee itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti dargaggoo tokko ajjeesuun haadha dargaggoo ajjeefamees qabanii hidhuu jiraattonni dubbatan.

Waraanni gara-jabeeyyii kunneen yeroo addaa addaatti haleellaa hawaasa nagaa irratti godhaniin namoonni lubbuun darbaa akka jiran jiraattonni kan dubbatan yoo ta’u, Ebla 28, 2024 lafa barii toora sa’a 11:00’tti aanaa Gidaamii mooraa bulchiinsa magaalaa Qellem mana hidhaatii dargaggoo maqaan isaa Gabruu Lammaa Tasfaa jedhamu waraanni faashistii PP baasuun bakka addaa Qarsaa jedhamutti geessanii ajjeesuun beekameera.

Dargaggeessi ganna 17 Gabruun sababa Obbolessi isaa miseensa WBO ta’e qofaaf baatii tokkoo oliif mana hidhaa bulchiinsa magaalaa Qellemitti akka hidhames jiraattonni dubbatu.

Maatiin dargaggoo ajjeefamees gadda akka hin teenyeef waraana faashistii PP’n dhorkamuun haadhi dargaggoo Gabruu kan maqaan ishee Abbunash Asaffaa jedhamtu guyyaa kaleessaa Ebla 30, 2024 qabamtee akka hidhamtes jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply