• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessatti doqdoqqee hedduun waraana faashistii PP’n jiraattota jalaa saamamuun himame

May 6, 2024

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Bilxiginnaan qabeenyaa jiraattotaa saamuu jabeessuun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun hawaasa nagaa irratti saamicha geggeessuu itti fufaniiru.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessaa namoonni doqdoqqee oofuun jiraatan gandoota akka: Badhaasaa, Mul’ataa fi Jireenyaa jedhaman keessa yeroo ammaa sababa waraana mootummaa PP’n akka itti dalagatan dhabuu jiraattonni ONM’tti himan.

Caamsaa 03, 2024 gandeen kana sadan keessa socho’anii akka hin hojjenneef doqdoqqee 3 kan namoota maqaan isaanii: Sambataa Moosisaa, Amanuu Hundee fi kanneen biroo jalaa fuudhuun waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 05, 07 fi Kumsaa Morodaa keessatti furtuu irraa fudhatanii kaa’aniiru.

Hanga yoonaattis magaalicha keessaa doqdoqqeen 40 ol qabamanii jiru.

Doqdoqqeen waajjira Poolisii aanaa jirus waraana PP’n akka malee abbootii qabeenyaa jalaa miidhamaa jira.

Qabeenyaa hawaasaa irratti shaakalaa akkasumas bakka fedha isaanii kan ittiin dhaqan yommuu ta’u, kanneen gurguratanii korojoo isaanii kaawwatanis danuu akka ta’e himameera.

Leave a Reply