• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa Magaalaa Jimmaa keessatti abbootiin qabeenyaa waraana maafi’aa PP’n doorsifamanii saamamaa Jiraachuun dhagaa’ame

May 6, 2024

ONM-ABO Caamsaa 4, 2024

Bulchiinsi murna bilxiginnaa Abiy Ahimed abbaa irrummaa isaa jabeessuun saba Oromoo hiraarsaa kan jiruu fi dirree dimookiraasii sobaan da’oo godhachuun abjuu fi mul’ata mootummaa nama nyaataa kalee sirna Sooshaaliizimii hordofaa ture faana dha’uun bifaa fi maqaa jijjiirrachuun as ba’e namoota gidirsuu irratti fuulleeffatee hojjechaa jira.

Akka kanaanis bulchiinsa magaalaa Jimmaa fi naannoo isheetti abbootii qabeenyaa bajaajii qaban irraa bifa maallaqa qusachuu fakkeessuun dirqamaan akka baankii Siinqeetti qarshii 50,000 galchaniif kaadiroonni rakkisaa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himan.

Kana malees, maqaa ‘Hidha Laga Abbayyaa’ jedhuun “boondii bitaa” jechuun dirqamaan maallaqa qarshii 500 akka kennan godhaa jiraachuu fi barattoota kutaa 3’ffaa ol baratan ammoo dirqamaan maallaqa qarshii 100 akka maatiin kaffalan jechuun harkaa saamaa jiraachuus himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading