• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Arsii Aanaa Sirkaa naannawwaa magaalaa Xareetaatti humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon namoota shan ajjeesanii lama dhabamsiisuun himame

May 9, 2024

ONM-ABO Caamsaa 7, 2024

Humnoonni sirni bilxiginnaa dhoksaan Oromiyaa keessatti ijaare, caasaan Asaamminoo Tsigee haleellaa Caamsaa 04,2024 namoota nagaa irratti fudhataniin, ilmaan Oromoo shan ajjeefamuu fi lama ammoo achi buuteen isaanii dhabamuun baramee jira.

Namoonni ajjeefaman Mohaammad Huseen, Mohaammad Arabaa, Ahimad Haaji Kadiir, Umar Hadiidoo, Suufiyaan Mohaammad fi Maammush Kamaal yoo ta’an, haleellaa humnootni Finxaalleeyyii Faannoo deggersa bilxiginnaatiin naannichatti ijaaramuun fudhataniin ajjeefamaniiru.

Namoonni lama ammoo hanga ammaa achi buuteen isaanii dhabamee jira jechuun jiraattonni ONM’tti himan.

Humni badii finxaaleeyyiiin kunneen gamtokkoon akka waan sirna PP waliin diinummaa qabaniitti holola kallattiilee addaa addaan afarsaa duubaan ammoo impaayera Itoophiyaa tiksuuf wal tumsuun ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa akka jiranis ni dubbatama.

Leave a Reply