• Thu. Nov 26th, 2026

Baha Oromiyaa magaalaa Hararii fi naannawwaa isheetti uummanni Oromoo mootummaa naannoo Harariin dhiibbaan irratti geggeeffamaa jiraachuu fi Lixa Harargee aanaa Gammachiis keessatti dargaggoonni adda waraanaatti guuramaa jiraachuun beekame

May 13, 2024

ONM-ABO Caamsaa 8, 2024

Mootummaa naannoo Hararii fi murni bilxiginnaa waliin ta’uun uummata Oromoo  ji’a Ebla darbe keessa gaafa 27, 2024 irraa jalqabuun hanga yeroo ammaatti maqaa bareedina magaalaa eeguu jedhuun  ilmaan Oromoo hiyeeyyii hojii guyyaa kanneen akka daldala jimaa fi kan biroo hojjachuun  jiraatan, akkasumas kanneen fayyaa sammuu  hin qabne (maraatota) ta’anii daandii gubbaa jiraatan magaalaa keessaa walitti qabuun mana hidhaatti guuraa  jiraachuu maddeen keenya magaalichaa ONM’tti himaniiru.

Bifuma kanaan ammallee  hawaasa Oromoo  aanota  magaalaa Harariitti naannawuun argaman kanneen akka Dirree Xiyyaaraa, aanaa Ereer, Soofii fi kkf irraa magaalichatti fayyadamuuf harree  fe’atanii dhufan qabeenya isaanii dirree irratti  harkaa harcaasuun harroota isaanii wajjiin mana hidhaatti galchuun hidhaan dararaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsanii jiru.

Oduu biraatiin ammoo dargaggoonni hedduun fedhii isaanii malee adamfamuun Lixa Harargee  aanaa Gammachiis keessaa qabamuun bakka tokkotti guuramaa jiru.

Haaluma kanaan aanaa Gammachis araddaa Waltaanee irraa dargaggoota murna kanaan ukkaamfamanii hidhamanii jiran maqaa kan arganne Yaareed Laggasaa fi Umar Bakar nama sammuun fayyaa hin ta’in kan maatiin wallaannachaa jiru, araddaa Waleensoo Hidha-Diimaa irraa nama lama kan dhimma dhuunfaaf aanaa Bookee deemanii galaa jiran magaalaa Baddeessaa buufata konkolaataatti ukkamsanii fudhataniiru. Maqaan  isaaniis: Hasanoo Adam Abdulleetii fi Caalaa Aliyyii Mohaammad yoo ta’an, aradduma Hidha-Diimaa keessaa nama Lissaa Mohaammad Sheekaa jedhamu deemuu didnaan reebicha ulfaataa irratti raawwachuun harka cabsanii yeroo ammaa mana yaalaatti akka argamu maddeen keenya addeessaniru.

Ittuma fufuun aanuma Gammachiis araddaa Siree Qalloo irraa kanneen qabamanii jiran Kadiiree Mikaa’il fi Darajjee Imaan ta’uu ibsuun, gochaan murni kun uummata nagayaa irratti hojjachaa jiru kun uummatatti dallansuu guddaa uumuun dargaggoota kanneen biroo kan isaan dirqamaan araddoota armaan olii keessaa funaanuun konkolaataatti fe’anii deemaa jiran mancaa fi qottoon itti bahuun uummanni daandii itti cufee harkaa bittinneessuun kanneen isaan mana hidhaatti galchanii jiranis harka harcaasanii jiraachuu maaddeen dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply