ONM-ABO Caamsaa 8, 2024
Waraanni ergama badii qabatee socho’uun hawaasa nagaa ajjeesuu bare, godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti nama nagaa kan ta’e daandii gubbaa irraa qabuun badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuun himame.
Mootummaan gabroomfataa hojii faashistummaa hojjetu, sababa dursaan isaanii Abiy Ahimad gara magaalaa Naqamtee dhufuuf nageenya isaa eeguuf jedhanii dargaggoo maqaan isaa ‘Gabree Habtaamuu’ jedhamu magaalaa Naqamtee naannoo hospitaala refiraalaatti guyyaa kaleessaa jechuun gaafa Caamsaa 07, 2024 badii tokko malee ajjeesan.
Guyyoota darbanii kaasee “koloneel Abiyyitu dhufa” jechuun humnoota waraanaa guddaa magaalichatti bobbaafamee jiruun uummanni magaalaa Naqamtee adamfamee hidhamaa fi hiraarfamaa jiraachuu himuun guyyaa har’aa ammoo dhufaatii isaan wal qabatee namootni dirqiin manneen dhuunfaa, manneen daldalaa fi geejjibni dhaabbachuun hiriira akka ba’an ONM odeeffateera.


