ONM-ABO Caamsaa 10, 2024
Sirni abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed Hitileerichi impaayeera Itoophiyaa goleelee Oromiyaa guutuu keessatti qeerroo, qarree, jaarsa, jaartii fi daa’imman osoo hin jenne ilmaan Oromoo kumaatamaan kan obbaase yoo ta’u, ammas maqaa duula sakattaa guyyaa 40 jedhu labsuun ol adeemaa Oromoo hidhaa, ajjeesaa, mana irratti gubaa, humnaan waraana isaan hin ilaallannetti guuraa fi uummata lafarraa duguuguu itti fufee jira.
Haaluma kanaan sirni nama nyaataan kun Caamsaa 7, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee ganda qotee bulaa Tokkee Arfinjoo jedhamu keessatti qeerroo Oromoo maqaan isaa Galoo Kumasaa jedhamu ija maatii isaa duratti rasaasa sadiin tumanii yoo ajjeesan, obboleessa isaa Warkuu Kumasaa jedhamu immoo fuudhanii deemuudhaan garri isaan geessan wallaalamuu jiraattonni dabaluun dubbatu.
Akka maddeen keenya achirraa jedhanitti loltoonni raayyaa ittisa impaayeera Itoopiyaa bakka addaa mooraa Gooroo Soolee jedhamu irraa maqaa sakatta’insa jedhamuun baatee halkan gara barii jala naannoo sa’a 11:00 akka lakkoofsa habashaatti lafa qaamni kamuu hin jirreetti qe’ee qotee bultoota Oromoo naannoo sanaa cufayyuu weeraruun nama nagaa qeerroo Oromoo Galoo Kumasaa jedhamu akka ajjeesan barameera.
Erga ajjeesanii illee maatiin fuudhee akka hin awwaallanne dhorkuun guyyaa guutuu achi ooluudhaan erga loltoonni PP obboleessa qeerroo ajjeefame kanaa kan maqaan isaa Warkuu Kumasaa jedhamu fudhatanii achii deemanii booda ummanni naannoo sanaa gadda guddaan kan itti dhaga’ame halkan reeffa kaasee awwaaluu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


