• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti jiraattonni waraana maafi’aa PP’n hidhamaa jiraachuun himame

May 14, 2024

ONM-ABO Caamsaa 8, 2024

Murni bilxiginnaa uummata hidhaan ugguree baatiilee dheeraaf manneen hidhaa   keessa tursiisaa jiruun  hawaasni nagaan hidhaa  mootummaa gabroomfataa PP’n hiraarfamaa jira.

Bilxiginnaan irra caalaatti hawaasa baadiyyaa hidhee dararuu itti fufuun godina Lixa  Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Baarii Aabboo irraa ji’a tokko dura namootni hedduun waraana faashistii PP’n ugguramuun mana hidhaa keessa kanneen jiran hedduu dha. Sababa kanaanis hojii dhuunfaa qaban dhiisanii achi keessatti rakkoo ulfaataa argaa jiru. 

Namoota aanichatti hidhamanii hanga yoonaa hin ba’in jiran keessaa: Mulunaa Shifarraa, Tamee Fiqaaduu, Ashuu Qaddamaa, Tamoo Dagguu, Addaamuu Toluu, Awwaaqii Addaamuu, Camadaa fi namoonni maqaan nu hin ga’in biroon erga ugguramanii ji’a guutanii jiraachuu kan himan jiraattonni, waraanni maafiyaa kunneen qabanii hidhuu malee hiikuu kan hin beekne ta’uu jiraattonni ONM’tti himan.

Leave a Reply