ONM-ABO Caamsaa 11, 2024
Waraanni faashistii PP mooraa Sanqallee irraa meeshaa waraanaa Madfii jedhamu gara Qorqee Maaramiitti guyyaa har’aa Caamsaa 11 gadi lakkisuun uummata nagaa namoota lama rukkutee jira.
Miidhaa qaama namoota kanaa irratti qaqqabeen fuulli isaanii hin mul’atu. Dirooniin naannoo ganda Alii Oossoo jedhamu marsaa oolte. Jeettii fi Miigiin waraanaa naannodhuma sana marsaa ooluun barameera.
Bilxiginnaan lola WBO waliin taasisaa jiruun meeshaa waraanaa qabu cufa fayyadamaa jira. Keessumaa erga qe’een maatii Letinaant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa rukutamee xiyyaarotni Bishooftuu irraa ka’anii haleellaa raawwatan dabalaniiru.

